Saturday, 26 June 2021

Ilma Coolle

 

Illm colle

Yerroo tokko beyye Colle kan ta’ee umri 14 Mucaa Afaar ture

Ta’us da’imnii kun mana kessati wanta badda hojjatamu wan arguuf yero hunda nii jeqama ture.

Abban hojjatu Hadha issa wajjiin dhokachuun wanta badda hojjata ture.

Haatis sanyoo issi wajiin balagdii turee.

Da’imniis yerro hunda wanta kana wan arguuf yerro hunda nii aara ture. Guyya tokko mana kessatii uffata maratee dhokate rafee ture, achii sanyoon hadha yeroo gara mana senuu da’imaa hin agare ture,

Sanyoon hadha Da’imatiin ‘’atti nama bayye gariidha. Wanta anii barbaduu hunda naf kentia. Ama sanga abba mana kee Adii Gudda sana guyya boruu nyachu barbada.’’ Jedhen

Hattii da’imas ‘’rakkoon hin jiruu atti hirriyota kan hanga nama kudhanii fide dhufu qabda.’’ Jetten.

Guyya itti anuu innis hiriyota issa kudhan qabate dhufe.

Hattiis gara Abba mana demuun akkana jetten ‘’firrooni kiyya hundu dhufanii jiru kanafu nyata nyachisuu qabna jeten, bayyina wan qabaniif budenaf wanta na qanesu dhihesuu hin barbadu.’’

Abban mana ‘’egga akkas ta’e sanga Adi Gudda sana qalee nyachiifna.’’

Abbanis sanga gudda Gadiisa jala fidee qaluu egalee. Da’iimnis bayee aare gara Abba yoo demuu abban foon qalee fudhee kesuumotaf akka gesuu ajajee.

Da’imniis Foon qabate gara mana yoo demuu Dhaka arge hunda irra mura fooni irra kaha demu jalqe.

Akkana godha hanga kessumota itti fuufe… Abbaniss Mura fooni Dhaka irrati kahame hunda yoo arguu’’ Da’imnii kiyya mal ta’e ‘’jedhe yaadu egale.harka tokkon billa qabate harka kaniin mura foon Dhaka irra guraa Da’ima hordofuu egale.

Da’imnii gara kessumota yoo figa dhufu  hirriyan hadha  ‘’ Abbaan kee mal godha jira jedhen’’

Da’imnii ‘’argaa hin jirtuu ?eebo qabate Dhaka gura gara kenna dhufa jira, Hadha kiyya wajiin hiriyuuma dhunfa akka qabduu bekke sii ajesuuf dhufa jira.’’ Yerro kana da’imnii gara hadha yoo demuu Haattii ‘’Ollii kun hundii mallii’’ jette gafate.

Da’imniis akkana jedheen ‘’Abbaan jallaale kee kan dhoksaa sana bekke ajesuuf dhakan ari’aa jira achii gara mana yoo dhufe morma kee sii irra mura.’’

Yerroo kana Hatiis bayyee sodatee gara mana hadha ishii figuu egalte

Abbaanis wanti ta’ama jiruu galufi dede jenan Da’imaa wamee’’maltuu ta’ama jira’’ jedhe gafate.

Da’imniis Harmeen wanta atii hojjatu wajiin gotee wanta bektef Hadha ishiti himuuf figa jirti jedheen.

Abbaanis duba ishii feguun ‘’maalo maalo maloo… hadha ketiiti homa itti hin himinn maalo waqqaa jedhi’’ jedha kadhachu jalqabee.

Ishiinis inii duba figa jirachu issa erga argitti halan figuu egalttee, ‘’maalo nah in ajesiini morma na irra hin muriin’’ jedha kadhachu egaltee

Da’imniis dukka issanii figuu egalee

Isaan lachuu hadhaa ishii bira wan qixa gahan, haatiis ishii ‘’maaltate’’ jette gafate.

Ishinis siiti himu hin danda’u sitti himu hin danda’uu sababniid Da’imnii kiyaa nii beka’’ jetten.

Jartiinis soddaa ishii ‘’attii hoo maltatee’’ jete gafaate

Abbaanis ‘’Aniis siiti himuu hin danda’u kan bekuu Da’ima koo qofadha’’ jedhen

Yerro kana Da’imnii achii gahe’’ rakkon hin jiruu gara mana demnee wanta jiru anuu nii fura’’ jedhen

Mana akkuma gahanin Da’imnii issan lamanu qophati wamuun Abbaan ‘’Gocha kee kana ama bode wanta dhabdu yoo ta’e Harmen Balessa kee sii dhisuuf qophiidha’’ jedhiin

Hadhaniis ‘’amma bode gocha kee kana nii dhista tanan Abbaan balessa kettif dhifama siif gochuuf qophiidha.’’ Jedhiin

Haluuma kana icciti isano oso hin bekiin jallaalan wajiin jirachu egale

 

Senaa kana kessati Da’imnii colleen kabaja matti ta’u nii danda’a

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

                                                                                  Written by SHEMSEDIN ABATE

                                                                                                 MASH Documentary

No comments:

Post a Comment